NAMA GUUTUU FI WAAQA GUUTUU(ፈፁም ሰው ፈፁም አምላክ)
------------------------------------------------.
Maqaa Rabbii Akkaan mararfataa ; akkan Rahmata godhaa taheetiin jalqaba.
HANGA DHUMAATTI DUBBISII HUBADHU !
Akkuma nuti beeknuuf dhageenyu Obbolootni keenya Kiristaanaa Yesuus(Ilmi maryam) nama guutuufi waaqa guutuudha jedhanii amanu. Kana jechuun amala namummaa guutuufi amala waaqummaa guutuu kan qabudha jechuu isaaniiti.
Garuu jecha kan sammuu dhugaa yaaduufi sammuu bilisa taheen yeroo yaadnu dogongora guddaadha. Sababnis amalli wol faallessu lama yeroo tokkotti(walfakkaataatti) amala nama tokkoo tahuu hin danda'u. Kana jechuun nama guutuu yeroo jedhanu, 100% nama malee waan biraa miti jechuudha. Amala waaqummaas hin qabu, amala bineensota biraas kan hin qabne nama qulqulluu akka tahe ibsaa jirra.
👉 Waaqa guutuu jechuun immoo, 100% waaqa kan tahe, amala namummaafi amala bineensota biroo kan of keessaa hin qabneedha. Akkuma duraan jenne kun immoo dhugaa ta'uu hin danda'u.
#Fakkeenyaaf jechi Ahmed baay'ee dheeraa fi baay'ee gabaabaadha jedhu wol faallessa waan ta'eef sirrii miti.
Kanaafuu jechi nama guutuuf waaqa guutuu jedhu kun barsiisa beektonni amantaa ofumaaf uumaniidha malee Macaafa isaanii keessatti Yesuus ani nama guutuuf waaqa guutuudha ofiin hin jenne.
Ammas jechi kuni baayee dogongora kan taheefi kan wol faallessuudha.
QABXIILEE MURAASA YASUUS NAMA MALEE WAAQA AKKA HIN TAANE MIRKANEESSAN HA ILAALLU!
=================================.
A/ Wongeela Yohannis 8:28 Ilma namaa kana eega mukarratti Ol fuutanii Eenyu akkan tahe; Ani Isa abbaan na barsiise akkan dubbadhu malee ofiin homaa akkan hin hojjannes ni hubattu.
👉 yasuus Afaan ofiitiin Ilma namaa akka tahe kunoo sirriitti Ibseera.
Wongeelli yohannis 8:28 kan Amaariffaafi Oromiffaa jechi isaa walfakkaataa miti. Jijjiirameera😂😂. Inni Amaariffaa akkas jedha.
ዮሐንስ ወንገል 8:28 ስለዚህም እየሱስ፣የሰውን ልጅ ከፈ ከፈ ባደረጋችሁት ግዜ እኔ እሆን ዘንድ አባተም እንዳስተማረኝ እነዝህን እናገረ ዘንድ እንጂ ከራሴ አንዳች እንዳላደረግ በዚያን ግዜ ታውቃላችው
B/ Wongeela yohannis 8:40. Ani dhugicha Isan waaqayyo Irraa dhagahe Isinitti himeera. Isin garuu ana NAMA akkasii hajjeesuu barbaaddu. Abraham Akka kana hin hojjanne.
👉 Ana nama akkasii ajjeesuu barbaaddu jechuun nama tahuu isaa ifatti dubbateera.
💗 Waaqayyo garuu waaqa male nama miti.
A/Macaafa Hosea Raajicha 11:9 Ani dheekkamsakoo boba'aa gad hin dhiisu.deebiyee Efiramiin hin balleessu.Ani WAAQAYYOOdha malee NAMA MITI.Ani isa qulqulluu si gidduu jiruudha.ani ija haariitiin hin dhufu.
👉 kunoo Waaqayyo ani waaqayyo malee nama miti osoo jedhuu, Yesuus immoo nama akka tahe utuu dubbatuu akkamitti Namni waaqa ta'aa???????
🔴 Namoonni kiristaanaa baayeen Yesuus yeroo gara lafaa dhufu foon uffatee waan dhufeef nama tahe male Eega gara samiitti ol bahee inni waaqa jettu, jecha keessan kana wongeelli ni kijibsiisa. eessatti yoo jettan immoo..
♠ ዮሐንስ ወንገል 3:13. ከሰማይም ከወረደ በቀረ ወደ ሰማይ የወጣ ማንም የለም፣እረሱም በሰማይ የምኖረው የሰው ልጅ ነው፣
Hiikaan .. Ilma namaa isa waaqarraa gad bu'e malee homtinuu gara waaqaatti ol hin baane. Innis samiirra kan jiraatu Ilma namaati.
wongeela Afaan Oromoo keessaa jechi "Innis samiirra kan jiraatu Ilma namaati" jedhu haqameera yookiin jijjiirameera😂😂😂.
👉Yaa saba kiyya Yesuus lafa irrattis samii Irrattis nama malee waaqa akka hin taane kunoo Ragaan Macaafuma keessani.
Eessattiree waaqummaan yasuus?? tarii utuu hin dhalatin dura yeroo gadameessa haadha isaa keessa jiruu laata??😂😂
Hadhaaf xumureera!
Dhaamsi ani obboloota koo Kiristaanaatiif qabu, Adaraa mee Macaafuma keessan kana dubbisaa! Dhugaan isiin jedha osoo macaafa keessanitti amantanii Islaama tahuu malee filannoo biraa hin qabdanu.
Isinin jaalladha, Isinin kabajas. Gara Amantaa uumamaatti, gara Amantaa jireenyaattin isin waamaa.
Barnoota amantii Islaamaa fi Kiristaanaa walbira qabdanii barachuu yoo barbaaddan Chaanaalii keenya armaan gadii join godha!
👇👇👇👇
@Saahibuddiin28