Yaa'ii Ariifachiisaa 12ffaa fi Yaa'iin
Waliigalaa 21ffaan Abbootii Aksiyoonaa Baankii Hojii Gamtaa Oromiyaa Magaalaa Adaamaa Galma Abbaa Gadaatti Taa’ameera.
Yaa'icharratti, Dura Teessuu Boordii Daayrektarootaa baankichaa Aadde Maskaram Dabbabee gabaasa raawwii hojii faaynaansii fi faaynaansiin alaa baankichaa kan bara 2024/25 dhiyyeessaniin;
Bara bajataa darbe kanatti, olkkaawwannaa Qar.Biil. 58.04 dabalataan sassaabuudhaan, olkeewwannoon waliigalaa qarshii Biil. 175.2 kan qaqqabe yoo ta’u, qabeenyi waliigalaa baankichaa Biil.197.4 gahuun, bu’aan gibira duraa Qar. Biil. 2 argameera.
Yaa’icharratti, xiyyeeffannoon addaa baankiin keenya daldala xixiqqaaf kennaa jiruu akkasumas dhaqqabummaa faaynaansii fi qonnaan bulaa dinagdeen humneessuuf tarkaanfii guddaan bara bajatichaatti fudhate daran cimee akka itti fufu fi baankiin invastimantii qabeenya dhaabbataa fi tekinoloojii irratti taasisaa jirus daran cimsuu akka qabu irratti mar’iatameera.
Xumurarratti, seera baankiin biyyaalessaan baaseefi dorgomtummaa baankichaa daran itti fufsiisuudhaaf Kaappitaalli baankchaa waggaa tokkotti kan kaffalamu Qar.Biil. 21 akka guddatu yaa’ichi murteesseera.
የኦሮሚያ ኅብረት ሥራ ባንክ የባለ አክሲዮኖች 21ኛ መደበኛ ዓመታዊ ጠቅላላ ጉባዔና 12ኛው አስቸኳይ ጠቅላላ ጉባኤ በአዳማ ከተማ አባ ገዳ አዳራሽ ተካሂዷል።
በጉባኤው ላይ የባንኩ የዳይሬክተሮች ቦርድ ሰብሳቢ ወይዘሮ መስከረም ደበበ የባንኩን የ2024/25 የሥራ ዘመን የፋይናንስና ኢ-ፋይናንስ የሥራ አፈጻጸም ሪፖርት ባቀረቡበት ወቅት እንደተገለፀው፣ በተጠናቀቀው በጀት ዓመት ብር 58.04 ቢሊዮን ተጨማሪ ተቀማጭ ገንዘብ በመሰብሰቡ የባንኩ አጠቀአላይ ተቀማጭ ብር 175.2 ቢሊዮን ደርሷል።
የባንኩ አጠቃላይ ሀብት ብር 197.4 ቢሊዮን ሲሆን፣ ከግብር በፊት ብር 2 ቢሊዮን ትርፍ አግኝቷል። በጉባኤው ላይ ባንኩ ለጥቃቅንና አነስተኛ የንግድ ዘርፍ የሰጠውን ትኩረት እንዲሁም በፋይናንስ ተደራሽነትና አርሶ አደሩን በኢኮኖሚ ለማግልበት በዘመኑ የተወሰደውን እርምጃ አጠናክሮ እንደሚቀጥልና፣ ኢንቨስትመንትና ቋሚ ሀብት ማፍራት እንዲሁም ቴክኖሎጂ ላይ መሥራትን ይበልጥ እንደሚገፋበት በውይይቱ ተመክቷል።
በመጨረሻም የኢትዮጵያ ብሔራዊ ባንክ ባወጣው ህግና የባንኩን ተወዳዳሪነት ይበልጥ ለማስቀጠል የባንኩ ካፒታል በ አንድ ዓመት ውስጥ ብር 21 ቢሊዮን እንዲደርስ ጉባኤው ወስኗል።
#Coopbank #GeneralAssembly #CoopbankShareholders #Adama #Ethiopia