🎤 Islaamummaan amantii Nabiyyoota hundaa waan ta'eef, karaa dhugaa, qajeelaa, ifaa, bareedaadha !!!
Информация о канале обновлена 07.10.2025.
🎤 Islaamummaan amantii Nabiyyoota hundaa waan ta'eef, karaa dhugaa, qajeelaa, ifaa, bareedaadha !!!
Wanti akkanaa jira jedhanii yaaduun gowwummaa qofa osoo taane, wollaalummaa dha. 😱
Waggaa 9 guutuu mataan gadi gombifamee Itoophiyaaf kan kadhate Abbaa Isxinfaanos jedhamu. 😱
Garuu namni mataan gadi gombifamee daqiiqaa meeqa jiraachuu danda'a? Isaan Garuu waggaa 9 guutuu akkasitti mataan dhaabbatanii kadhatani. 😁
Sammuu akkamiiti waan akkanaa kana fudhata. Manni amantaa Kiristaanaa dinqii fi Ajaa'iba hedduu qabdi. 😁
Namni dubartii irraa dhalate kun; akkamitti Waaqa ta'uu fi jedhamuu danda’a?
#Macaafa_Galaatiyaa 4:4
👉 "ነገር ግን የዘመኑ ፍጻሜ በደረሰ ጊዜ እግዚአብሔር ከሴት የተወለደውን ከሕግም በታች #የተወለደውን_ልጁን_ላከ፤
👉 "Yommuu yeroon murteeffame sun gaʼetti garuu Waaqni Ilma isaa isa dubartii irraa dhalate, kan seera jalatti #dhalate_sana_erge;"
Macaafni Qulqulluun Yesuus nama du dubartii tokko irraa dhalate akka ta’e sirriitti ibsa. Dhalachuun uumama ta'uu agarsiisa. Uumama irraa argamuunis uumama ta'uu agarsiisa.
Kallattii kamiiniyyu Waaqayyoo uumama irraa baha yaadni jedhu hin jiru. Uumaan uumaadha. Uumamni uumama.
Rabbiin uumama (Nama) keessaa nabiyyii godhee filatee gara ummata barbaade sanaatti erga. Yesuus kiristoos akkuma sana nama keessaa filamee ergamaa godhamee gara ummata Israa’el ergame. Kun waan beekamaa fi ifa galaadha. Macaafni Qulqulluu illee kana dubbata. Kanaafuu Yesuus Waaqa ta'uus jedhamuus hin danda’u.
https://t.me/Qoranno_Amantii_Kiristanaa
إِذࣰا لَّذَهَبَ كُلُّ إِلَٰهِۭ بِمَا خَلَقَ وَلَعَلَا بَعۡضُهُمۡ عَلَىٰ بَعۡضࣲۚ سُبۡحَٰنَ ٱللَّهِ عَمَّا يَصِفُونَ
(Odoo jiraatanii) silaa gabbaramaan hundi waan uumeen deema. Gariin isaanii garii irratti ol ta’u turan. Rabbiin waan isaan itti fakkeessan (hunda) irraa qulqullaa’e. [Al-Mu'minun 23:91]
Rabbiin keenya Allaahn qajeeluma isaaniif haa kennu! Nuuf immoo Islaamummaa ishee Rasuulli Nuuf dhaaman irratti sabaata bareedaa haa kennu! Amiin!
https://t.me/Qoranno_Amantii_Kiristanaa
✍️ "Waaqayyo biraa" kan jedhame Yesuus "Uumaa waan hunda" kan ta'e; Waaqayyo abbaan bula, Waaqayyo abbaaf ajajama. Yusxoos "Waaqayyo biraa" kana; maleeykaa jedhamee kan waamame fi Waaqayyo isa Museetti dubbate jedhee kan waame, Isa uumaa waan hundumaa ta'e irraa eenyummaan adda baaseera.
"Waaqayyo Abrahaam, Waaqayyo Isihaaq, fi Waaqayyo Yaaqoob kan ture, Museetti kan dubbate Waaqayyo uumaa waan hundaa mitii?"
Dialogue with Trypho (Justin Martyr) Chapter 60.
✍️ Trypho kan jedhamus; Waaqayyo fi maleeykaan maalummaa garaa garaa kan qaban ta'uu Yemmuu dubbatu, Yusxoosis; waa'ee waan samii dhiisee kutaa dachii xiqqoo kana kan dhufe Waaqayyo biraa Yesuus malee, isa uumaa waan hundaa ta'e Waaqayyo Abbaa isa jedhame akka hin taane dubbateera.
"Akkuma ati jette; "Lamaanuu, Waaqayyo fi maleeykaa turani". Ta'us nama beekumsa xiqqoo qabu yoo ta'e malee, "Uumaan waan hundaa fi Abbaan; waan samii hunda dhiisee kutaa dachii xiqqoo kana keessatti muldhate" jedhee mirkaneessuu hin hin danda’u"
Dialogue with Trypho (Justin Martyr) Chapter 60.
✍️ Yusxoos; warreen ilmaan Jupiter jedhaman Greekotaaf, Jecha Waaqayyo isa jalqabaa kan ta'e Quunamtii malee kan argamuu "Waan isin ijoolleen Jupiter amantaniin wal fakkaataa malee waan biraa hin fidne" jechuun ifaan ifatti barumsichi waaqeeffannaa warra ormaa wajjin wal fakkaataa akka ta’e dubbateera.
"Akkasumas jecha Waaqayyo isa hangafa qunnamtii saalaa malee argamuu fi barsiisaan keenya Yesuus kiristoos fannifame, Du'e, ka'e, Gara samii ol bahe Yemmuu jennu, waan isin ijoolleen Jupiter amantaniin waan wal fakkaatu malee waan biraa hin fidne".
The First Apology (St. Justin Martyr) chapter 21
Egaa; Hawaariyootni "Waaqayyo tokkichi Abbaadha" jedhanii waan barsiisaniif, #Unitarian" "Warreen Waaqayyo tokkichatti amanan" Yemmuu ta'an, warreen Hawaariyoota booda dhufan sirna Hellenism durii naanneessanii fiduun, Waaqayyo Abbaa malee kan Yesuusiin Waaqa lammaffaa fi kan Waaqa biraa godhachuun isaaniin "Binitarian" turan.
✍️ Hayyuun seenaa Kiristaanummaa Edward Gibon kitaaba isaa "History of christianity" jedhu keessatti waa’ee kiristaanummaa warra ormaa "paganism" akkas jechuun dubbateera.
"Waaqeeffannaan ormaa injifannoo Kiristaanummaan ol ka'us, akkuma sana kiristaanummaan Waaqeeffannaa warra ormaatiin laaqameera.
History of christianity (Edward Gibbon) page XVI(16)
Burjaajii kana hunda booda Rabbiin keenya Allaahn Qur'aana kabajamaa Nabiyyii keenya "ﷺ" irratti buusee; warreen "Waaqayyo ilma dhalcheera" jedhaniin "irraa dhorkamaa" jedhe.
وَيُنذِرَ ٱلَّذِينَ قَالُواْ ٱتَّخَذَ ٱللَّهُ وَلَدࣰا
Isaan “Rabbiin ilma qaba” jedhanis sodaachisuuf (isa buuse). [Al-Kahf 18:4]
Barnoonni warra ormaa "Waaqayyo ilma dhalcheera" jedhu kun; ummata kiristaanaa biliyoona 2 gahu kana burjaajii keessa waan ta'eef, Qur’aanni kana dinniinuuf buusuun isaa sirriidha. Allaahn tokkicha. Hirkoo waan hindaati.
قُلۡ هُوَ ٱللَّهُ أَحَدٌ ٱللَّهُ ٱلصَّمَدُ
Jedhi: "Inni Allaah (gabbaramaa dhugaa) tokkicha. Allaahn hirkoo waa hundaati. [Al-Ikhlas 112:1-2]
Rabbiin hirkoo waa hundaa yoo ta’e, Waaqni yeroo fi bakka kan hammate, yeroon fi bakka keessa galee fi hojjaa qoma gabaabduun dhalatee jechuun hin danda’amu. Dhalchuun fi dhalachuun amala isaa keessatti waan hin jirreef, hin dhalle hin dhalanne.
لَمۡ يَلِدۡ وَلَمۡ يُولَدۡ وَلَمۡ يَكُن لَّهُۥ كُفُوًا أَحَدُۢ
Hin dhalle hin dhalannes. Hiriyaan tokkoos isaaf hin taane.” [Al-Ikhlas 112:3-4]
"Kufuwan" كُفُو jechuun "Akka" "Fakkaataa" "Qixxaataa" "Madaalaa" "Dorgomaa" jechuu yemmuu ta'u, wanti isatti qixxaatu, fakkaataan, "Kan akka isaa" hin qabu yoo ta'e, ilma tokkollee hin dhalle. Isa waliinis Waaqni biraa tokkolle hin jiru.
مَا ٱتَّخَذَ ٱللَّهُ مِن وَلَدࣲ وَمَا كَانَ مَعَهُۥ مِنۡ إِلَٰهٍۚ
Rabbiin ilma hin godhanne. Isa waliinis gabbaramaan tokkoyyuu hin jiru. [Al-Mu'minun 23:91]
✍ Rabbii wajjiin Waaqni biraa osoo jiraatee, gidduu isaanii garaa garummaa ni jiraata ture. Waldhabdeen ni jiraata ture. Tokko isa tokko irratti aangoo ofii agarsiisuuf ka'uun hin oolu. Rabbiin waan akkasii irraa qulqullaa’e.
Waaqa biraa, Waaqayyo lammaffaa godhatan. Kun akkamitti ta’a?
بسم الله الرحمن الرحيم
مَا ٱتَّخَذَ ٱللَّهُ مِن وَلَدࣲ وَمَا كَانَ مَعَهُۥ مِنۡ إِلَٰهٍۚ إِذࣰا لَّذَهَبَ كُلُّ إِلَٰهِۭ بِمَا خَلَقَ وَلَعَلَا بَعۡضُهُمۡ عَلَىٰ بَعۡضࣲۚ سُبۡحَٰنَ ٱللَّهِ عَمَّا يَصِفُونَ
Rabbiin ilma hin godhanne. Isa waliinis gabbaramaan tokkoyyuu hin jiru. (Odoo jiraatanii) silaa gabbaramaan hundi waan uumeen deema. Gariin isaanii garii irratti ol ta’u turan. Rabbiin waan isaan itti fakkeessan (hunda) irraa qulqullaa’e! [23:91]
✍️ Jecha "Kiristaanummaa" jedhu yeroo jalqabaatiif kan moggaase Agnaaxiyoos isa Qosxonxiyaa Dh.K.B bara 110 keessatti dha. Kiristaanummaan falaasama "Graeco-Roman" fi akeeka barumsa Yesuus ture. Akka hayyuun seenaa Kiristaanummaa Adolf Harnack kitaaba isaa; "Outlines of the History of Dogma" jedhu irratti; Kiristaanummaan hidda isaa aadaa Greek "hellenism" keessatti qotee akka seene akkas jechuun dubbateera:-
"Kiristaanummaan hiddi isaa dachii "hellenism" keessa dhoree seene, kanaaf Kiristaanummaan iccitti ta'ee" jedhe.
Outlines of the History of Dogma (Adolf Harnack) Page 194
Akka Hellenism seenaa Greek keessatti "hellenistic Greek mythology" yaadni jarri waa'ee Waaqayyo irratti qaban "Zus" Abbaa Hermes yoo ta'u, kabajaaf "Ho teos ho Patros" jedhu. Kana jechuun "Waaqayyo abbaa" God the father" jechuudha.
"Hermes" immoo ilma Zus yemmuu ta'u, gidduu samii fi dachii kan jiru giddu galeessa "ergamaa" dha. Ergamaan kun kabajaan ilmaa; "Ho teos ho huwos" jedhu. Kana jechuun "Waaqayyo ilma" "God the son" jechuudha. Warreen waaqolii tolfamoo gabbaran magaalaa Liqaa'oon keessatti "Waaqayyo namoota fakkaatee gara keenya bu'eera" jechuun Barnaabaas "Zus" Phaawuloos "Hermes" jedhe.
Lubni Diyaa fi ummatni isaa wareega qopheessuu barbaadani.
Hojii Ergamootaa 14፥12
በርናባስንም "ዙስ" አሉት፤ ጳውሎስንም እርሱ በመናገር ዋና ስለ ነበረ "ሄርሜስ" አሉት.
"Isaanis Barnaabaasiin, “Zeʼoos” jedhan; Phaawulos immoo waan inni dubbataa hangafa tureef, “Hermeen” jedhaniin.
Zus dubbiin osoo hin dubbatin isa irraa ergamee kan dubbatu Hermesiin akkuma ergu, bifa wal fakkaatuun Barnaabaas isa waa hin dubbanneen "Zus", Phaawuloosiin isa dubbatu "Hermees" sababni jedhaniif kana. "Zus" Roomanota biratti "Jupiter" Yemmuu jedhamu, "Hermes" immoo "Mercury" jedhama.
✍️ Bara 20-50 Dh.K.D jiraataa kan ture; Philosophy Iskindiriyaa; falaasama Greek barnoota Yihudootaa wajjin kan wal simsiisu Philosophy Yihudaa fi gidduu galeessa "middle platonism" kan qo'atu yemmuu ta'u, waa'ee Logos akkas jedha.
"Logos Ilma Waaqayyo isa angafa fi Maleeykaa Waaqayyooti"
Frederick Copleston, A History of Philosophy, Volume 1, Continuum, (2003), pp. 458–462.
✍️ "Diyotero Teos" jechuun "Waaqayyo lammaffaa" jechuu yoo ta'u, Philosophy Hellenism kun Logosiin "Waaqayyo lammaffaa dha" jedhee barsiisaa ture.
"Waa'ee Waaqayyo wanti dubbatame kun; dubbii sirrii fi soba hin qabneedha. Innis; wanti du'u fakkeenya Waaqayyo isa addunyaa guutuutiin uumamuu hin danda’u waan ta'eef. Haa ta’u malee; (Kan uumame) abbaa Sagalee guddaa kan ta'een karaa fakkeenya "Waaqayyo lammaffaa" booda dha.
Philo: Questions and Answers on Genesis, Chapter 2 Number 62
✍️ "Waaqayyo lammaffaa" kan jedhu jala haa sararamu! Argens Iskindiriyaa immoo; Yesuusiin "Waaqayyo lammaffaa" jedhee barsiisaa ture.
"Ta'us Nuti "Waaqayyo lammaffaa" jennee waamuu dandeenya. Waaqayyo lammaffaa jecha jedhu yemmuu waamnu dandeettii gaarummaa warreen kaan hammachuu gaarummaa qabuun ala waan biraa jechuu akka hin taane beekaa.
Origen Against(Contra) Celsum, Book 5 chapter 39
✍️ "Waaqayyo lammaffaa" kan jedhu jala haa saraamu! "Heteroo Teos" jechuun "Waaqayyo biraa" jechuu yoo ta'u, Yusxoos wareegamaa kan jedhamu hiriyaa isaa Yahuudicha Yesuusiin "Waaqayyo biraa" jedheera.
"Macaafa waan hubattaniif isin amansiisuufan yaala; Ani waanan jedhun qabaatii, jira yoo jedhame, Waaqayyo waan hunda uumeef kan bitamu "Waaqayyo biraa" fi "Gooftaa" jira. Innis maleeykaa jedhamees waamameera"
Justin Martyr, Dialogue with Trypho, chapter 56
Yesuus Waaqa yoo ta’e, Waaqni eenyuun kadhata?
Wangeela Maatiyoos:- 26:36
"በዚያን ጊዜ ኢየሱስ ከእነርሱ ጋር ጌቴሴማኒ ወደምትባል ስፍራ መጣ፡ ደቀ መዛሙርቱንም፦ ወዲያ ሄጄ #ስጸልይ ሳለ በዚህ ተቀመጡ፡ አላቸው።
"Yesus yommus bartoota isaa wajjin gara iddoo dhaabaa Getesemaanee jedhamu tokkoo dhaqe; bartoota isaatiin immoo, "Hamma ani achi dhaqee #kadhadhutti as taa'aa!" jedhe"
Wangeela Maatewos 26:39
"ጥቂትም ወደ ፊት እልፍ ብሎ በፊቱ ወደቀና #ሲጸልይ፦ አባቴ፥ ቢቻልስ፥ ይህች ጽዋ ከእኔ ትለፍ፤ ነገር ግን አንተ እንደምትወድ ይሁን እንጂ እኔ እንደምወድ አይሁን፡ አለ።
"Innis xinnoo achi hiiqee adda isaatiin lafatti gombifamee, “Yaa Abbaa ko, yoo dandaʼame xoofoon kun narra haa darbu. Garuu akka fedhii keetii malee akka fedhii kootii hin taʼin” jedhee #kadhate"
Gaaffiin asitti nu qabnu:-
🍄1. Yesuus mana qulqullummaa Getesemaaneetti Kadhate jechuudhaa?
🍄2. Achitti eenyuun kadhata? Maal Waaqa hin jennee?
🍄3. Yesuus Waaqa yoo ta'e, Waaqni Waaqa kadhata jechuudha?
🍄4. Yesuus kadhataa ta'ee fi Waaqni kadhatamaa ta'e akkamitti tokko ta'u? Hin ta'anu.
🍄5. Yesuus fi Waaqni maaliin wal fakkaatu? Maaltu walitti fida?
Владелец канала не предоставил расширенную статистику, но Вы можете сделать ему запрос на ее получение.
Также Вы можете воспользоваться расширенным поиском и отфильтровать результаты по каналам, которые предоставили расширенную статистику.
Также Вы можете воспользоваться расширенным поиском и отфильтровать результаты по каналам, которые предоставили расширенную статистику.
Подтвердите, что вы не робот
Вы выполнили несколько запросов, и прежде чем продолжить, мы ходим убелиться в том, что они не автоматизированные.