🎤 Islaamummaan amantii Nabiyyoota hundaa waan ta'eef, karaa dhugaa, qajeelaa, ifaa, bareedaadha !!!
Информация о канале обновлена 18.11.2025.
🎤 Islaamummaan amantii Nabiyyoota hundaa waan ta'eef, karaa dhugaa, qajeelaa, ifaa, bareedaadha !!!
#Gooftaan; #Rabbiin_tokkicha fakkaataa hin qabne sana qofa malee, #Yesuus miti.
Seera keessa deebii:- 6:4
"እስራኤል ሆይ፥ ስማ፤ አምላካችን እግዚአብሔር አንድ እግዚአብሔር ነው፤
"Yaa Israa'el dhaga'i! Waaqayyo gooftaan keenya Waaqayyo isa tokkicha!"
Seera keessa deebii:- 6:5
"አንተም አምላክህን እግዚአብሔርን በፍጹም ልብህ በፍጹምም ነፍስህ በፍጹምም ኃይልህ ውደድ።
"Ati Waaqayyoon gooftaa kee garaa kee guutuudhaan, humna kee guutuudhaanis jaalladhu!"
Gaaffiin asitti nu qabnu;
1⃣ Waaqni gooftaa yoo ta'e, Yesuus maali?
2⃣ Gooftaan lamatu jiraa?
3⃣ Waaqni tokko qofa erga ta'ee, Yesuus; maaliif "Gooftaadha" jedhamee gabbarama?
4⃣ Museen; tokkichummaa Waaqaa erga barsiisee, Sillaaseen eessaa bahe?
5⃣ Kiristaanotni; Musee caalaa waa'ee Rabbii beekuu?
6⃣ Nabiyyi Aadamii kaasee hanga nabi Yesuus ol fuudhamutti; eenyutu sillaasee barsiise?
7⃣ ''Waaqa kee garaa guutuun jaalladhu'' yeroo jedhu, waan biraa dhiisaa, Waaqa qofa gabbaraa jechuu akka ta'e hin ibsuu?
8⃣ Keyyatni akka kanaa macaafa keessa osoo jiruu, beekaa jallisuun sirriidhaa?
9⃣ Waan macaafni jedhu dhiisanii falaasamaa hordofuun maal baasa?
🔟 Guyyaa borii, gaabbii isinitti hin ta'uu?
Egaa; Guyyaan gaabbii sun osoo hin qaqqabin, har'a dursanii itti qophaa'uutu furmaata. Kiristaanotni macaafa dubbiftanii hin beekne, dammaqaa!!!
Macaafni fi isin wal hin beektanu. Wal baraa. Gaafa sana dhugaa jiru adda baaftanii hubattu. Yoo dubbiftan; waan qeesiin ykn Pasteriin himu, dhugaa fi soba ta'uu ni bartu ture.
Kanaafuu #Hubadhaa!
Yesuus nama.
Yesuus nama Rabbiiti.
Yesuus nama guutuu dha.
Yesuus nama filatamaa dha.
Yesuus nama Qulqulluu dha.
Yesuus nama cimaa dha.
Yesuus nama kabajamaa dha.
Yesuus nama jaallatamaa dha.
Yesuus Ergamaa Rabbiiti.
Yesuus Nabiyyii Rabbiiti.
Yesuus Garbicha Rabbiiti.
https://t.me/+tnI1AyeVgXI1N2U8
#Ibroota 7:14 ስለዚህም ነገድ ሙሴ ምንም እንኳ ስለ ክህነት አልተናገረም።
"Museenis gosa sana ilaalchisee waaʼee lubummaa homaa hin dubbanne".
#Ibroota 7:13 ይህ ነገር የተነገረለት “እርሱ በሌላ ነገድ ተካፍሎአልና”፥ ከዚያም መሠዊያውን ያገለገለ ማንም የለም።
"Inni wanni kun waaʼee isaa dubbatame sun gosti isaa kan biraati; gosa kana keessaas namni tokko iyyuu takkumaa iddoo aarsaa hin tajaajille."
“Sana booda” kan jedhu "Gosa biraa" kan jedhu gosa Yihuudaa biraa kan ibsuudha. Yesuus gosa Yihuudaa keessaa fudhateera. Kan Yesuus fudhates Foon fi dhiiga.
#Ibroota 2:14 እንግዲህ ልጆቹ በሥጋና በደም ስለሚካፈሉ እርሱ ደግሞ በሥጋና በደም እንዲሁ ተካፈለ።
"Sababii ijoolleen sun foonii fi dhiiga qabaniif, Yesuusis duʼa ofii isaatiin diiyaabiloos isa duʼa irratti humna qabu sana balleessuuf jedhee namummaa isaanii qoodate;"
"Foon fi dhiiga qooddatani" jecha jedhu jala Sararadhaa! Obbolloonni isaa Hafuuraa; Foon fi dhiiga Maatii isaanii irraa akkuma qooddatan; Inni immoo Gosa Yihuudaa kan taate Maryam irraa Foon fi dhiiga ishee qooddateera. Sanyiin ishee Sanyii maleeykaa osoo hin taane, hidda sanyii Abrahaam dha.
#Ibroota 2:16 “የአብርሃምን ዘር ይዞአል እንጂ የያዘው የመላእክትን አይደለም።
"Inni dhugumaanuu sanyii Abrahaam gargaaruuf malee ergamoota Waaqaa gargaaruuf miti."
#Muldhata 5:5 "እነሆ ከይሁዳ ነገድ የሆነው አንበሳ።
"Ergasiis maanguddoota sana keessaa inni tokko, “Hin booʼin! Kunoo, Leenci gosa Yihuudaa, Hiddi Daawit moʼateera.
#Wangeela_Luqaas 1:42 “የ-ማኅፀንሽም ፍሬ” የተባረከ ነው።
“Ati dubartoota keessaa eebbifamtuu dha; mucaan ati deessus eebbifamaa dha.”
“Gosa Yihuudaa irraa ta'e" kan jedhu jala Sararadhaa! Dhugumatti; Yesuus firii gadameessa Maryam irraa argameedha. Namni seelii Abbaa "paternal chromosome” 23% fi Seelii haadha "maternal chromosome” 23% walitti 46% "diploid” ta'ee dhalata. Maryam garuu, sanyii dhiiraa malee hanqaaquu gadameessa ishee keessa jiru akka ulfa ta'u godhe. Rabbiif wanti hin danda'amne waan hin jirreef, sanyii dhiiraa malee, sanyii dubartii qofa irraa uumeera.
Dubartiin akkamitti sanyii qabaatti yoo jettan; egaa, sanyii kan jedhame ”chromosome” dha. Hanqaaquun "chromosome" waan ta’eef, sanyii jedhama.
#Seera_Uumama 16:10 "ዘርሽን እጅግ አበዛለሁ።
"Ergamaan Waaqayyoo sunis itti dabalee, “Ani sanyii kee akka malee nan baayʼisa; sababii baayʼina isaatiifis namni tokko iyyuu lakkaaʼuu hin dandaʼu” jedhe."
Bara Dh.K.B 100 booda Gibxii keessatti dhalatee bara 160 Qoproositti kan Du'e Valentinus; bulchaa Yenostis kan ture, barataa Tewdas ture. Valentinus “Yesuus hidda sanyii Maryam irraa miti ejjannoo jedhu kan qabu yoo ta'u, barattoonni isaa; Valentinius ejjannoo isaa kana dur geggeessaa turani. Itti aansuun; DH.K.B 1496 dhalatee bara 1561 kan du'e, Meno Sem'oon “Yesuus sanyii Mariyam miti" ejjannoo kan qabu yoo ta'u, barattoni isaa Menonitus kanneen jedhaman ejjannoo isaa kana dur geggeessaa turani. Tarree isaanii nannoo bara 1527 tti DH.K.B immoo "Anabaptism” garee 4 kan of keessatti qabate yoo ta'u, “Yesuus sanyii Maryam miti” ejjannoo jedhu qabu turani. በመሠለስ በ 2001 DH.K.B akka lakkofsa warra gorgorotaatti Bishop Takile Mariyam Gazahany mormitoota pentecostal irraa bahuun “Yesuus sanyii Mariyam miti" ejjannoo jedhu qabachuun bataskaana hawaariyaa kophaa isaatti uumeera. Rabbiin hunda keessaniif qajeeluma haa kennu! Nuuf immoo sabaata haa kennu! Amiin!
🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹
https://t.me/Qoranno_Amantii_Kiristanaa
Hidda Sanyii Maariyam.
بسم الله الرحمن الرحيم
وَإِنِّيٓ أُعِيذُهَا بِكَ وَذُرِّيَّتَهَا مِنَ ٱلشَّيۡطَٰنِ ٱلرَّجِيمِ
"Ani sheyxaana abaaramaa irraa isheefi sanyii ishees siinan tiksa” [jette]. [Al-Imran 3:36]
Rabbiin keenya Allaahn Lubbuu tokkicha Addaamiin uumee, Hawwaas lafee isaa akka irraa uume.
يَآأَيُّهَا ٱلنَّاسُ ٱتَّقُواْ رَبَّكُمُ ٱلَّذِي خَلَقَكُم مِّن نَّفۡسࣲ وَٰحِدَةࣲ وَخَلَقَ مِنۡهَا زَوۡجَهَا وَبَثَّ مِنۡهُمَا رِجَالࣰا كَثِيرࣰا وَنِسَآءࣰۚ وَٱتَّقُواْ ٱللَّهَ ٱلَّذِي تَسَآءَلُونَ بِهِۦ وَٱلۡأَرۡحَامَۚ إِنَّ ٱللَّهَ كَانَ عَلَيۡكُمۡ رَقِيبࣰا
Yaa namootaa! Gooftaa keessan sodaadhaa, Isa lubbuu takka (Aadam) irraa isin uumee, ishee irraa cimdii ishee (Hawwaa) uumee, isaan lamaan irraa dhiirotaafi dubartoota baay’ee tamsaase. Rabbii isa ittiin wal kadhattaniifi firummaa (muruu) sodaadhaa. Dhugumatti, Rabbiin isin to’ataadha. [Nisaa'i 4:1]
عَنْ عَلِيٍّ، أَنَّ النَّبِيَّ ـ صلى الله عليه وسلم ـ قَالَ إِنَّ اللَّهَ تَعَالَى لَمَّا خَلَقَ آدَمَ خُلِقَتْ حَوَّاءُ مِنْ ضِلَعِهِ الْقَصِيرِ
Aliyyi (RA) akka gabaasanitti Nabiyyiin ”ﷺ” ni jedhan፦ “Rabbiin ol ta'aa ta'e; Aadamiin uume. Hawwaas lafee cinaachaa gabaabduu taate irraa uume".
[Sunan Ibnu Majah Kitaaba 1, Hadiisa 567]
Allaah'n Hawwaa sanyii dubartii malee lafee Addaam irraa uumuu erga danda’ee, Yesuusiin sanyii kormaa malee hanqaaquu Maryam qofa irraa uumuu danda’a. Haati Maariyam; "ishee fi sanyii ishees" jechuun ishee Yesuus sanyii Maariyam akka taate ifaan ifatti mirkaneessa.
وَإِنِّيٓ أُعِيذُهَا بِكَ وَذُرِّيَّتَهَا مِنَ ٱلشَّيۡطَٰنِ ٱلرَّجِيمِ
"Ani sheyxaana abaaramaa irraa isheefi sanyii ishees siinan tiksa” jette. [Al-Imran 3:36]
"Zurriyyah" ذُرّيَّة jechuun "Sanyii" "off-spring" jechuu yemmuu ta'u, xumura jecha "zurriyyah" ذُرّيَّة jedhuu irratti maxxantuun هَا kan agarsiistu dubartii (Maryam) kan bakka bu'u waan ta’eef, Iisaan sanyii Maryam ta'uu isaa ifaanifattiagarsiisa. Rabbiin keenya Allaah'n waan qaama Maryam keessatti uume sanatti Ruuhii itti naquudhaan jiraataa godhe.
وَمَرۡيَمَ ٱبۡنَتَ عِمۡرَٰنَ ٱلَّتِيٓ أَحۡصَنَتۡ فَرۡجَهَا فَنَفَخۡنَا فِيهِ مِن رُّوحِنَا
Maryam Intala Imraan, ishee qaama saalaa ishee tiksites (fakkeenya godheera). Ruuhii (uumaa) keenya irraa ta'e isa keessatti afuufne. [Tahrim 66:12]
"Fiihi" ِيهِ jechuun "ishee keessa" jechuudha. bakka bu'aan durdurii Maxantuun "hii" هِ kan jedhu "Isa" jechuun ulfa ykn miciree uumame sana kan agarsiisuudha.
Macaafa Qulqulluu keessattillee Yesuus sanyii Mariyam akka ta’e beekamaadha. Fkn, Waaqayyo dugda Daawit irraa Solomoon sanyii godhee baaseera.
Macaafa Saamuʼeel 2ffaa:- 7:12
"ዕድሜህም በተፈጸመ ጊዜ ከአባቶችህም ጋር ባንቀላፋህ ጊዜ “ከወገብህ የሚወጣውን ዘርህን” ከአንተ በኋላ አስነሣለሁ።
"yommuu barri jireenya keetii dhumee ati abbootii kee wajjin boqottutti ani akka inni iddoo kee buʼuuf sanyii kee kan gudeeda keetii baʼu nan kaasa; mootummaa isaa illee jabeessee nan dhaaba."
“Sanyiin” waan bahu waan ta'eef, "Waan bahu" jedhameera. Leewwonni yeroo Abraham lubbuun jiru hin turre. Haa ta’u malee; Abraham irraa gara Yisihaaq, Yisihaaq irraa gara Yaaqoob, Yaaqoob irraa gara Lewwii daddarbaa waan dhufeef, "Dugda Abraham bahanus" jechuun ilmaan Leewwii dugda Abraham keessaa akka bahan dubbata.
#Ibroota 7:5 "እነርሱ ምንም ከአብርሃም ወገብ ቢወጡ፥ ከእነርሱ አሥራትን በሕግ እንዲያስወጡ ትእዛዝ አላቸው።
"Ilmaan Lewwii warri luboota taʼan yoo obboloonni isaanii sanyii Abrahaam taʼan iyyuu namoota irraa jechuunis obbolootuma isaanii irraa kudhan keessaa tokko akka fudhatan seerri ni ajaja."
“Sanyiin” Maatii irraa አብራክ akka dhufu ragaa baay’ee dhiyeessaun ni danda’ama. Fkn Seera Uumamaa 46:26, Seera ba’uu 1:5 fi Abbootii firdii 8:30 ilaalaa!
“Fule” φυλή jechuun “Gosa” jechuudha. Gosa Aser fi Gosa Binyam kan jedhuuf caqasa Luqaas 2:36 fi Hojii Ergamootaa 13:21 ilaaluu dandeenya! Bifa wal fakkaatuun; Yesuus Gosa Yihuudaa keessaa baheera.
#Ibroota 7:14 "ጌታችን ከይሁዳ ነገድ እንደወጣ የተገለጠ ነውና።
"Gooftaan keenya akka sanyii Yihuudaa irraa dhalate beekamaa;"
Museen waa'ee Gosa lubummaan homaa hin dubbanne. ከይሁዳ ነገድ መሠዊያውን ያገለገለ ማንም የለም፦
Dhimma Eenyummaa Yesuus
#Hojii_Ergamtootaa 2:36 irratti
እንግዲህ ይህን እናንተ የሰቀላችሁትን ኢየሱስን እግዚአብሔር ጌታም ክርስቶስም #እንዳደረገው የእስራኤል ወገን ሁሉ በእርግጥ ይወቅ።
“Kanaafuu Yesuusuma isin fanniftan kana akka Waaqni Gooftaa fi Kiristoos isa #godhe manni Israaʼel hundi dhugumaan haa beeku.”
#Gaaffiin_keenya #Kutaa_1ffaa
🟥 Maarree Waaqayyo Yesuusin "Gooftaa" erga taasisee, jalqaba maal ture? #Gooftaa" kan jedhu maqaa kabajaa yoo ta'e, ni deemsisa. Garuu #Waaqayyoodha" hiika jedhuuf yoo ta'e, waan hin fakkaanne. Maaliif yoo jettan yeroon booda #Gooftaa (Waaqayyoon) ta'uun ni danda'amaa? Hin danda'amu.
🟥 Keewwatichi "Gooftaadhaa fi Masiihii akka godhe, Israa'eloonni hundinuu utuu hin mamin haa beekan." jedha. Kana jechuun, gooftummaa yeroon booda argate jedhuudha. Waaqayyoon ammoo gooftummaan isaa kan bara baraati malee waan yeroon daangeffamu miti. Maarree Yesuus akkamitti Waaqayyoon (Gooftaa)
jedhamuu danda'a?
Akkuma Gaaffii nutti ta'e, Gaaffii isinitti haa ta'u. Deebii barbaanna!
“Gaafilee 10n kan Kiristaanonni deebii isaa goonkumaa argachuu hin dandeenye keessaa muraasa.”
🛑 1. Yesus Kiristos; Rabbiin yoo ta’e, akkamitti (Maarqos 1:35) irratti, ganama bariin ka'ee, iddoo namni hin jirree dhaqee, Rabbiin kadhachuun isaa gabaafame.
🛑 2. Yesus Kiristos; Rabbiin yoo ta'e, akkamitti (Maarqos 15:34) irratti, sagalee guddaadhaan, “Elo'ii, Elo'ii lamaa sabaktanii?” Rabbii koo, Rabbii koo maaliif na dhiifte?” jedhee Rabbii isaa waammata.
Yoo Yesus Rabbiin ta'e, Rabbiin Yesus Kiristos itti iyye sun kami laata?
🛑 3. Yesus Kiristos; Rabbiin yoo ta'e, akkamitti (Yohaannis 8:28) irratti, ofiin homaa hojjechuu hin dandeenyee fi qaamni isa erge isa wajjiin yeroo hundumaa jiraachuu dubbataree.
Yoo Yesus Kiristos Rabbiin ta'e, akkamitti waan fedhe gochuu hin dandeenyeree?
🛑 4. Yesus Kiristos; Rabbiin yoo ta'e, akkamitti (Yohaannis 14:28) irratti, abbaan na caala'o. jedha.
🛑 5. Yesus Kiristos; Rabbiin yoo ta’e, akkamitti (Maarqos 10:18) irratti, “Maaliif gaarii naan jettuu? Rabbii isa tokkicha duwwaa malee, namni gaariin tokko illee hin jiru jedha.
🛑 6. akkasumas akkamitti (Luqaas 18:19) irratti: “Maaliif gaarii naan jettu? Rabbii isa tokkicha duwwaa malee, namni gaariin tokko illee hin jiru jedheree.
🛑 7. Yesus Kiristos; Rabbiin yoo ta'e, akkamitti (Yohannis 20:17) irratti, “Ani gara abbaa kootii fi abbaa keessaniitti, gara Rabbii kootii fi Rabbii keessaniitti ol nan ba'a” jedheree.
🛑 8. Yesus Kiristos; Rabbiin yoo ta’e, akkamitti (Maatewos 8:24) irratti, rafee argamuun isaa gabaafame, Rabbiin gonkumaa akka hin rafne. Faarfannaa 121:4 keessatti, osoo gabaafamee jiru.
🛑 9. Yesus Kiristos; Rabbiin yoo ta'e, akkamitti (Luqaas 22:43) keessatti ergamootaan jabeeffamuun isaa himamee. Rabbiin uumamtoota isaatiin jabeeffamuu danda'aa?
🛑 10. Yesus Kiristos; Rabbiin yoo ta'e, akkamitti (Luqaas 4:13) irratti seexanaan qorame, otoo Yaaqoob 1:13 irratti Rabbiin hamaadhaan qoramuun hin danda'amu jedhuu!
[مَّا لَهُم بِهِ مِنْ عِلْمٍ وَلَا لِآبَائِهِمْ ۚ كَبُرَتْ كَلِمَةً تَخْرُجُ مِنْ أَفْوَاهِهِمْ ۚ إِن يَقُولُونَ إِلَّا كَذِبًا].
[ الكهف: 5]
صدق الله العظيم...
Barruu tana walii qoodaa keeyrii tana facaasaa. Jzk ❤
Ergamaan Rabbii akkana jedha:
عَنْ أَبِي هُرَيْرَةَ، أَنَّ رَسُولَ اللَّهِ ـ صلى الله عليه وسلم ـ قَالَ " مَنْ دَعَا إِلَى هُدًى كَانَ لَهُ مِنَ الأَجْرِ مِثْلُ أُجُورِ مَنِ اتَّبَعَهُ لاَ يَنْقُصُ ذَلِكَ مِنْ أُجُورِهِمْ شَيْئًا " .
𝗤𝗼𝗵𝗲𝗲𝘀𝘀𝗮𝗮𝗻: Ifaa Dhugaa
https://t.me/Know_to_Islamic
Владелец канала не предоставил расширенную статистику, но Вы можете сделать ему запрос на ее получение.
Также Вы можете воспользоваться расширенным поиском и отфильтровать результаты по каналам, которые предоставили расширенную статистику.
Также Вы можете воспользоваться расширенным поиском и отфильтровать результаты по каналам, которые предоставили расширенную статистику.
Подтвердите, что вы не робот
Вы выполнили несколько запросов, и прежде чем продолжить, мы ходим убелиться в том, что они не автоматизированные.
Наш сайт использует cookie-файлы, чтобы сделать сервисы быстрее и удобнее.
Продолжая им пользоваться, вы принимаете условия
Пользовательского соглашения
и соглашаетесь со сбором cookie-файлов.
Подробности про обработку данных — в нашей
Политике обработки персональных данных.